Itti Aanan Wafido Hawaasa Oromoo Dalas, Teksaas jiraniif Ibsa Kennaniiru Obbo Gabra Sillaasee Waldaa: Itti Aanan Wafido guyyaa Bitootesa 18, 2006 Hawaasa Oromoo naannoo magaala Dalas, Teksaas jiraniif ibsa kennanii jiru. Ijoowwan dubbii Obbo Gabra Sillaaseen ibsa irratti kennani: Wafido hundeessun (dhaabuun) maalif akka barbaachise? Baati 12 darban keessatti Wafidon ammam akka milkaaye, Fincila ammaan tana Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru ilaalchi deebin maal ta’uu aakka qabu, fii deegartoota fii miseensota Wafido jiilchuf oduu dharaa fii humna waraanan duula mootumaan bane toofta Wafidon ittin qolachaa jiru. Itti aanes, gahee ummatin Oromoo siyaasa biyya sanaa keessatti qooda guddaa fii amansiisaa ta’ee mirkaneefachuu akka danda’uuf ummatnii Oromoo alaaf-keessan jiru tokkuummaa isaa akka jabeessu waamicha godhanii jiru. Baayinaanis akka miseensa fii deggartoota Wafido ta’anis gaafatanii jiru. Gaafii hedduminaan ka’aniif Obbo Gabra Sillaaseen deebii quubsa kennanii jiru. Kanaan dura ibis kana fakkaatu hawaasa Oromoo naannoo Oportland-Oregono, Seattle-Washington, fii Washington-DC jiraniif akka kennamee ture ni beekkama. Dhiyoo kanatti, ibsi kana fakkaatu guyyaa Bitootesa 26, 2006 magaala Toronto-Kanaadaa tti kennamuuf waan beellamameef Obbo Gabra Sillaaseen achi deemanii ibsa ni kennu. Walgayoonni iddoo hundattuu han waammamanii fii qindaayan deegartoota Wafido magaalota sana keessa jiraniin.