LAMMII OROMOO BIYYA AMBAA JIRTANIF
Hunda dura nagaan keenya isin haa gahu. Amma kan isinii barreesinu waan isin hin beekne miti. Rakkoo ummata Oromoos isinitti odeesudhan yeroo keessanis balleesuu hin barbaadnu. Garuu Oromoon beekkumsa, qabeenya fi dandeetti qabu hundaan wal cinaa hiriiruu dadhabudhan biyaa isa irratti ammallee tuffatamaa jiraachuu isaa dubbachuun garmalee barbaachisaa ta'uu isaatti ni amana.
Har'a halagaan biyya keenya irratti goobee turee fi kan ammas goobaa jiru nama keenyaa fi qabeenya keenyatti fayyadame nu bituun itti fufee jira.
Oromoo qabeenyaa isaatti waan ajajuu dadhabeef, hiyyummaa keessa jiraata hiyyeesi kun ammo qarshidhan goowoma. Inni kaan yoo hojirraa bahe halkan tokko ijoollee isaa waan itti bulchu waan hin qabneef ergamtuu ormmaa ta'ee jira. Inni qabeenyaa xiqqoo qaba jedhamus jiilaa waan qabuf deggarsa gochuudhaf soda keessa galee jira.
Uummata kana rakkoo fi haccuuccaa walbirraa hin cinne kana keessaa baasudhan akka dhaloota borutti hin tarreef qabsoon erga jalqabamee bara dheeraa ta'era. Warraaqsi Federalisti Democratawaa Oromoos (WAFIDO) qabsoo uummatni keenya hiree mataa isaa ofin murteeffachuf addemsisuf karaa isaa gumaacha godhuf dhaabbatee socho'aa jira. Kaayyoon WAFIDO kaayyoo uummata Oromoo ti. Oromoon waan kana hubateef bifa huundaan nutti dulaa jira. Dula kana kan adeemsisan karaa tokko namootuma keenya (Oromoo) maallaqaan bitaa jiru. Karaa biraamoo gaazexoota dhuunfaa bitanii maqaa keenya xureesudhan.
Ummatni keenya biyya keessatti sagalee isaa kan dhageesisuf dhabuun hirriiba waan nu dhorkeef dunuunfannee harca tokko malee itti seennee. WAFIDOn uummata Oromoo malee waan abdatee ka'e tokkollee hin qabu. Hanga ammatti jiraachuun keenya nama dinqa.
Yaa Oromoota biyya ambaa jiraattanii, hiyyeesii hanga fedhe yoo beekaa ta'e dhugas qabate kan isa dhaga'uu hin jiru. Biyya abbaa keenyaa irratti hiyyoomnee jirachuun imimmaan miiti dhiiga nu boosisaa jira. Kana keessaa bahuf waan hunda dhiisnee wal cina dhaabbannee hojjechuu qabna. Jaarraa 21 ffaa keessaa saba xiqqaadhan bitamuun qaanii qaanii caalu. Kana keessa nibaanaa. WAFIDOn gametti ifa arga jira.
Midhaan nyaannee lafa kana irra jiraachuun keenya uummata nu jechisisuu dide. Adunyaan nutti kolfe. Dirqamni seenaa gatitti dhaloota har'aa irratti kufee jira. Dirqama kana bahuu dadhabnaan akka sabaatti lafa kana irra jiraachuun keenya gaafii keessa gala. Ilmi namaa haa hafuu bineesi bosonaallee billisummadhan jiraachuu barbaada. Kan billisummaa caaluu gonkumaa akka hin jirre beekamaa dha.
Uummatni Oromoo miliyoonii 30 caaluu garuu billisummaa dhabee dubbachuun haa hafu tti yaaduu dhorkamaa jira. Kana keessaa bahu dhaf falli jiru tokko fi tokko. Innis waa hunda dhiisanii dura uummata billisummaa dheebotee mar'attu kana billisa baasuf wareegama bifa hundaan barbaachisu kaffaluudha. Fedha uummata keenyaa bakkaan gahuf mallaqniif onneen murteesaa dha. Har'a WAFIDOn waan kiraa wajjiraa kaffalu dhabe faca'uuf guyaa muraasatu hafe. Lammin Oromoo ala jirtan yoo daftanii itti birmattanii baraarsitan malee kufaatii kaayyoo utuu hin ta?in hiyyummatu kuffisa. Kana irraa WAFIDO baraarudhan Oromoo salphina keessa baasa, dhaloonni kun Oromoo saba adunyaa kana keessa jiraatuttii dabaluu qaba.
Lakkobsi irriga keenya bankii Awash Damee Araadaa kesatti 592.
Wafido
P. O. Box 12680
Finfinnee
Ethiopia
Mailing Address in North America
P. O. Box 150442
Kingstowne, VA 22315
USA
c/o Y. Gobu: 571-218-5991
Executive Committee of WAFIDO
October 13, 2005
Finfinnee, Ethiopia
N.B. HAQOn jira. Cimaa deema. Hayama seera eegaa jira.